𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐮: 𝐝𝐚𝐚𝐧𝐝𝐢𝐢 ❞𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚❞ 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐮𝐮❗

  • Namni waan barateef qofa “beekaa” jedhamuu hin danda’u; beekumsa keessas wallaalummaa hedduutu jira!
  • Namni tokko kan beekuuf carraaquu qabu raga qabatamaa irratti hundaa’eetu malee oduu fi ololaan ta’uu hin qabu!
  • Dhala namaa bineensota biraarraa kan adda isa taasisus yaaduu fi qalbeeffachuu danda’uusaati: isa arge fi dhagahe sana sammuusaa fayyadamee xiinxaluu, seecca’ee dhugaa fi sobasaa keessaa adda baafachuutu irraa eegama!
  • Nageenyi sababa hubannoo seenaatiin boora’e deebi’ee qulqullaa’uu kan danda’u Seenaa sirriitti hubachuudhaan qofa dha!

((#Guutuusaa_Dubbisaa! #Hiriyyoota_Keessaniif #Share_taasisaa!))

Namootni hedduun wanta tokko “nan beeka” jedhu malee yoggu sirriitti qorataman garuu dhimmicha sirriitti hin beekan. Namni tokko Digriidhaan waan eebbifameef qofa kan beeke isatti fakkaata. Eebbifamee kan hojjetu kan dhabuufis kanaaf dha. Keessumayyuu, namni tokko “seenaa nan beeka” yoggu ofiin jedhummoo caalaattu of-eeggachuu qaba; beekumsa keessa wallaalummaa guddaatu jira. Akkamitti? 

1. Daandii Beekumsa: namni tokko “barate” ykn “beeka” kan jedhamu yoggu maal hubatu dha?

Waa’ee “beekumsaa” yoggu kaafnu qabxiileen ifa ta’uu qaban jiru: beekumsi maali? Kan beekuu qabnuhoo maal fa’a? Akkamitti beekuuf dandeenya? Namni tokko “barateera” kan jedhamu yoggu maal beekudha? Galmi beekumsaahoo maali? kkf.

“Beekumsi” gosa addaddaa qaba:

  • Beekumsa Uumamaa (innate): kuni barumsa tokko malee, uumamaan kan argannu dha. Fakkeenyaaf, jabbileen takka akkuma dhalatteen mucha haadhashee barbaacha ol hiixatti. Muchi haadhaa ol gubbaattii rarra’ee akka jiru kan baratte uumamaan malee argitees, muuxannoo horattees miti.
  • Barumsaan (Rationalism): kunimmoo daandiiwwan beekumsaa qaroomina barumsaatiin bira gahuuf carraaquu dha.
  • Muuxannoo (Empiricism): bara jireenya ofii keessatti isa dhageenye, argine fi hojjenne irraa ka’uudhaan beekumsa horannu dha.

Beekumsa faayidaa hin qabne beekuurra wallaalummaan yerootti wayyutu jira: kuni “kan beekuu qabnu maali?” isa jedhu nu yaadachiisa. Fakkeenyaaf, namni tokko xonqolaa fi barnoota dogoggoraa beekuu danda’a; beekumsi akkanaa garuu badiinsaaf malee fayyinaaf hin ta’uuti “beekumsa” jedhamuuf hin danda’u! Kitaaba Qulqulluu irrattis Addaam fi Hewaan muka balas yoggu nyaatan “ijjisaanii baname” jedhameera (Se. Uum.3:7); ija banatan kanaan garuu qullaa ta’uusaanii argan, cubbuus ilaalanii gara du’aatti deeman malee fayyina hin arganne.

Gama biraanimmoo saayinsiidhaan qorannee, amantaadhaan abdannee kan beeknus ni jira. Akka saayinsiitti waan tokko “beekuuf” ijaan arguu fi harkaan qabuutu barbaachisa; akka amantaatti garuu kan ijaan hin argamnetu beekama. Kanaafuu, kan marii’annu waa’ee amantaa taanaan falmiin jiraachuu hin qabu; dhugaa tokkicha barachuu fi amananii fudhachuu qofa. Saayinsii taanaan garuu raga soquu, dhugaa qorachuu, madaaluu, mirkaneessuutu barbaachisa. Seenaan qaama saayinsii hanga ta’etti dhimma seenaa keessatti raawwatamee dabre tokko hubachuufis adeemsi hordofamuu qabu kanuma.

Hunda dura namni tokko kan beekuu qabu raga qabatamaa irratti hundaa’eetu malee oduu fi olola ta’uu hin qabu. Isa ragaa qabatamaadhaan beeke sanimmoo “kana beekuunkoo maal na fayyada?” jedhee of gaafachuu qaba; kuni akka koompiiteraa odeeffannoo kuusuu qofa dhiisanii sammuu keenya haalaan fayyadamuu dha. Namni sammuusaa sirriitti gargaaramu tokko odeeffannoo dhagahe qulqulleeffata; dhugaa ykn soba ta’uusaa madaalee adda baafata; dogoggora jiru haquuf tattaafata. Akkuma sagalee ol kaasanii odeessaa ooluun beekumsa hin taane akkasuma cal’isuunis wallaalummaa miti.

Beekumsi akka bishaanii cal’isee kan nama keessa yaa’ee dabru miti; kuni dhala namaa gara ujummootti (tubboo) jijjiiruu dha. Fakkeenyaaf, namni tokko oduu Facebook irraa arge tokko kallattumaan “dhugaadha” jedhee fudhata taanaan “kuusa oduu” jedhama malee “beekaa” jedhamuuf hin danda’u. Isa arge fi dhagahe sana sammuusaa fayyadamee xiinxaluu, seecca’ee dhugaa fi sobasaa keessaa adda baafachuutu irraa eegama.

Namoota bineensota biraarraa kan adda isa taasisus yaaduu fi qalbeeffachuu danda’uusaati. “Seenaan akkas jedha” waan jedhameef qofa “eeyyee, jedha!” jedhanii amanuu dhiisanii “madda kamiirraa? dhuguma akkas jedheeraa? ergaan dabres akka namni odeessu kanadhaa? yoo kana ta’s kana beekuunkoo jireenyakoo har’aaf akkamitti na fayyada? hanga har’aatti kana wallaaluukootiin maaltu natti hir’ate? kkf. jedhanii xiinxaluutu barbaachisa. Dhugumatti “nama barate” kan nama jechisiisus kana dha!

2. Seenaa Akka Kallattii Beekumsaatti

Jechi “seenaa” jedhamu hiikkoowwan addaddaa qabaachuuf mala. “Seenaa hojjete” yoggu jennu gumaacha cimaa taasise, firii miidhagaa galmeessise jechuu dha. “Seenaa ta’eera” jechuun dabreera, kana booda hin jiru jechuu dha; “hiyyummaa seenaa taasifna” akkuma jedhamu. “Seenaa Oromoo” jechuunimmoo hawwaasichi  baroota durii keessa haala kamiin akka dabarse kan agarsiisu dha. 

Namni tokko tokko waa’ee Seenaa yoggu gaafatamu ‘waan darbe tokko kan qoratu’ jechuun qofa ibsuu ni mala. Kanarraa ka’uunis “dhimma dabre tokkoof maaltu na cinqe?” jedhee tuffata ta’a. Seenaan garuu waa’ee isa darbe qofa osoo hin taane isa darbe sana kan amma jiru fi isa fuula-duratti dhufutti kan walitti hidhudha.

Hayyuun Seenaafi barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Prof. Shifarraaw Baqqalaas: ‘seenaan kan darbe qofa miti; battaluma kanattillee kan hojjetamaa jirudha. Kanaafuu, seenaan akka bishaaniiti: kan darbe, kan jirufi kan dhufullee hunda walitti makata; kanneen sadan adda baasnee ibsuun ulfaata’ jedhu. Kanaafuu, Seenaan meeshaa guddaa mudannoo darbe itti qorannu, bara keessa jiraannuuf barumsa kan itti fudhannu, akkasumas jireenya keenya fuula-duraaf wabii gaarii kan itti arganudha (ግዛው፤ታሪክ፣ ትርክና ታሪካችን፤ 2005:43).

Kanas ta’e sana garuu, dur eenyu akka turre, har’a eenyu akka taanefi akkamitti akka har’a kana fakkaanne, borus maal ta’uuf akka dandeenyu kan nuuf ibsu Seenaa dha.

Akka hubannoo saayinsaawaatti Seenaa barreessuu fi hubachuu jechuun taateewwan durii galmeessanii ol kaa’uu, odeeffannoo guuranii tuuluu jechuu miti. Inni Afaan Oromoon “Seenaa” jennu kuni dur (waggoota 2,500 dura) namicha lammii Giriik “Herodutes” jedhamuun “Histooriyaa” isa jedhame dha. Afaan Girikiin “Histooriyaa” jechuun qorachuu, beekumsa qorannoodhaan argame jechuu dha. Kanaafuu, namni waa’ee “Seenaa” yoggu yaadu kan jalqaba yaadachuu qabu “qorannoo” ta’uu qaba: isa dhageenye fi dubbisne qorannee qulqulleeffachuu, maaliif akkamitti akka kuni raawwate xiinxaluu, ergaa jireenya har’aaf qabus qalbeeffachuu dabalata.

Beektota Seenaa keessaa adda-durummaan kan beekaman, barsiisaan Yunivarsitii Finfinnee Prof. Taaddasaa Taammiraat barreeffama “ተረትና ታሪክ በኢትዮጵያ፣ bara 1984, f.72) jedhu irratti: “seenaan kan abbootiin durii dubbatan amantaadhaan fudhachuu miti; isa jedhame qorachuu, beekumsa gabbifachuu fi dhugaa ta’uusaa mirkaneeffachuu dha malee. Kaayyoon Seenaas dhugaa qabatamaa argachuuf carraaquu dha” kan jedhanis kanaaf dha. 

Kanaafuu, hiikkoon “Seenaa” haala hubannoo, kaayyoo fi muuxannoo namootaa irratti hundaa’uun haala addaddaan ibsama. Addaddummaan yaad-rimee Seenaa kunimmoo jireenya hawwaasummaa, aadaa, siyaasa, dinagdee fi amantaa uummataa irratti wal-dhabbiiwwan hedduu uumeera; boora’uu nageenyaafis sababa ta’aa jira. Nageenyi sababa hubannoo seenaatiin boora’e kuni kan deebi’ee qulqullaa’uu danda’us Seenaa sirriitti hubachuudhaan qofa ta’uu beekuu qabna!

Nu_Ofkalchaa jenna!