Bokkuu- Ulee Ulfoo, Mallattoo Aangoo

Bokkuu

Jechi fi yaad-rimeen “bokkuu” jedhu waan lama of-keessatti qabata: meeshaa ulfoo Oromoo fi sadarkaa (eegduu) aangoo Sirna Gadaa (Mohammed Hassen, The Oromo  of  Ethiopia (A  History, 1570-I860), 1990: 15). Kanaafuu, yaadeen lamaan kana addaan baasuuf ka’umsa yaadichi itti dubbatame ykn barreeffame (context) addaan baafachuun barbaachisaa dha.

Akka hiika isa jalqabaatti Bokkuunulee abbaa aangoo biqiltoota addaarraa qophaa’udha. Garuu akka ulee ykn muka biraa salphaa miti; ulee ulfoo Abbaan Gadaa qabatu dha. Namni bokkuu qabatu, kanaafuu, aangoo qabaachuusaa ibsa jechuu dha. Hawwaasicha birattis kabaja addaa ni qaba; maatiin isaa hundis “Warra Bokkuu” jedhamuun kabajamu (Asmerom Legesse, Oromo  Democracy:  An  indigenous African political system, 2006: 104).

Ulee Abbaa Gadaa (Bokkuu) kana namtichi seenaa Oromoo barreessuun beekamu tokko (De Salviac, M) ulee af’yaa’ii Ingilizootaan (“speaker of the English parliament”)  fakkeesseera (The Oromo:  An  ancient people of great African nation, 2005  [1901]): 216).

Gama biraan ammoo Bokkuun sadarkaa aangoo isa ol’aanaa agarsiisa. Akka Sirna Gadaatti Bokkuun jaarmiyaa Mootummaa ol’aanaa fi araaraati. Kanaafuu, Abbaan Bokkuu gaggeessitoota Gadaa biratti kabaja fi ulfina guddaa qaba; kan Gadaa dursu isa waan ta’eef. Aangoon kunis dhalootaan maati angafa ta’e keessa kan argamudha. Gaggeessitoota Sirna Gadaa keessatti beekaman keessaas namni bokkuu qabatee “Abbaa Bokkuu” jedhamu gaggeessaa isa ol’aanaa dha. Kanaafuu, “Abbaa Bokkuu”  jechuun “Pirezidaantii Sirna Gadaa”  jechuu dha. 

Kanaafuu, Sirna Gadaa keessatti abbootiin yoggu aangoo walirraa fuudhan (walitti dabarsan) meeshaa mallattoo aangoo ta’e kana (bokkuu) walitti dabarsu jechuu dha. Sirni aangoo walitti dabarsuu waggoota saddeet keessatti al takka gaggeeffamu kunis “baalii” yookaan “jaarraa dabarsuu” jedhamuun beekama (ድሪቢ ደምሴ ቦኩ፤ የኦሮሞ ማንነት ታሪክ፤ 2007፡204). Sirna kana irrattis Abbaan Bokkuu inni haaraa muudame jilbeeffatee, Bokkuu (ulee) qabatee jiru sanaa fi fuula isaa gara samiitti ol kaasee: “yaa Waaq, yaa Waaq….ana waliin ta’i; na jabeessi! Nama Doorii [sadarkaalee hirma Gadaa keessatti namoota umuriin isaanii waggaa 32-40 ta’an] hoogganu na taasisi; nama Qaallu gaggeessu na taasisi…ogummaa ittiin dargaggoota daandii gaariirra buusu naaf kenni!…” jechuun kadhata (De Salviac, 2005 [1901]: 213).

Akka kitaabni “Saba Oromoo fi Sirna Gadaa”  (Toleeraa Tasammaa fi Hundasaa Waaqwayyaa, 1995) jedhu ibsutti, Abbaan Bokkuu gaheewwan gugurdoo armaan gaditti eeraman qaba:

  • Waliti bu’iinsi uummata gidduutti yoo ka’e tasgabbeessuu fi araarsuu;
  • Humni diinaa dhufee biyya balleessuf yoo ka’e Abbaa Gadaa wajjin duula labsuu (akka uummatni ka’uuf sochoosuu);
  • Bokkuun amantaan walqabatee qaama siyaasaa Gadaa kan dursu waan ta’eef yeroo walgayiin Chaffee (Gumii) taasifamu eebiisee saaquu;
  • Yeroo Baalii fudhachuuf Gadaan Raabaa Doorii deemu ni hooggana.

Nu Ofkalchaa!