Caaccuu Oromoo-Mallattoo Hormaataa fi Nageenyaa

Caaccuun meeshaalee aadaa Oromoo keessatti kabaja guddaa qaban keessaa isa tokko yoggu ta’u kal’ee (gogaa) loonii qaqal’isanii babbaqaqsuun kan qophaa’u dha. Kana jechuun garu kan gogaa looniirraa  babbaqaqee qophaa’e hundi “caaccuu” jedhama jechuu miti; haala itti qophaa’u fi sirna ittiin “meeshaa qulqulluu” ta’utu jira. Meshaan ulfoo Oromoo kuni ammoo kan godhatamu harka (wrist) mirgaa irratti dha.

Caaccuu qopheessuuf gogaan loonii qaqal’atee babbaqaqu kuni lakkoofsaan sagal ta’uu akka qabu maanguddoonni sabicha ni ibsu. Haalli Caaccuun itti qophaa’u kuni hiika mataa isaatii ni qaba. Kunis, gogaan loonii qaqal’atanii babbaqaqan mallattoo hormaataa (fertility) yoggu ta’an lakkoofsaan sagal ta’uun isaanii ammoo  “guutuu tahuu” (fullness) akka agarsiisu ni ibsama (Ujulu Tesso Benti, Oromo Indigenous Religion and Oromo Christianity-Contradictory or Compatible? P.283).

Akkuma Kallachi dhiira qofaan keeyyatamu Caaccuun ammoo dubartootaan qofa kan keeeyyatamu dha. Dubartiin “kallacha nan keeyyadha; bokkuu nan qabadha” hin jettu; kuni safuu cabsuu dha. Akkasuma dhiirris “caaccuu nan keeyyadha; callee nan diradha” hin jedhu; innis safuu eeguuf dirqama. Kunneen lamaan duudhaa fi seera Gadaa dur tureen murtaa’anii kan beekaman waan ta’eef akkuma tibbana dubartootni uffata dhiiraa uffatan sani meeshaalee kanas saalaan wal-jijjiiruun dhorkaa dha.

Caaccuu keeyyachuuf saalaan “dubartii” ta’uun qofa gahaa miti; heerumanii da’uun dirqama. Kanaafuu, namni dubartii caaccuu keeyyate tokko yoggu argu eenyummaashee (kan heerumte fi deessuu ta’uushee) ni hubata jechuu dha; “caccuun mallattoo hormaataa ti” kan jedhameefis kanaaf. Dubartiin deessuun ammoo Oromoo biratti kabaja addaa waan qabduuf (ayyaantuu Waaqni dhagayu jedhamtee waan amanamtuuf), ayyaana ishee kana fayyadamuun Waaqa ittiin kadhatu. Fakkeenyaaf, yeroo bokkaan caamu (dhibu) Waaqni akka roobsisuuf dubartiin caaccuu qabdu akka kadhattu ni taasifama; namni dhala yoo dhabes karuma deessuu kanaa Waaqa irraa kadhatamaaf.

Akkuma dhiirri kallacha keeyyatu “Abbaa Kallachaa”, inni Bokkuu qabatummoo “Abbaa Bokkuu” jedhamu, akkasuma dubartiin hortuun (deessuun) Caaccuu keeyyattu (sirna caaccuu raawwattu) kunis “Haadha Caaccuu” jedhamuun waamamti (Bartels, L. Oromo Religion. Myths and rites of the Western Oromo of Ethiopia An attempt to understand.1983:146-147).

Haati Caaccuu kuni yoggu caaccuushee keeyyattee gara walgahii ykn gumii hawwaasaatti baatu dubartoota hunda dura akka eebbiftuuf ni afeeramti. Kan wal-lole yoo jiraates dubartiin Caaccuu keeyyattee jidduu lixnaan dafanii dirree araaraatti deebi’u; mariidhaanis waliigalanii nagaa buusu. Kanaafuu, Caaccuun mallattoo hormaataa qofa osoo hin taane meeshaa eebbaa, kadhannaa, dhiifamaa fi nageenyaaf tajaajiltudhas.

Oromoo biratti Waaqni (samiin) saala dhiiraan, lafti (dacheen) ammoo saala dubartiin waamamu. Gama biraan Kallachi dhiiraan, Caaccuun ammoo dubartiin qofa akka keeyyatamanis dursinee ibsineerra. Xiinxaluma kanaan,  kallachi kan Waaqa bakka bu’u yogguu ta’u Caaccun ammoo dachee bakka buuti. Ka’umsi hubannoo kanaas, akkuma mi’oo dhiiraa (sperm) malee dubartiin hinulfoofne,  akkasuma Waaqni bokkaa (bishaan) roobsisee yoo obaase malee dacheen biqiltuu tokkollee magarsuuf hin dandeessu. Sababa kanaaf jecha, dachee fi dubartiin Oromoo biratti akka mallattoo hormaataatti ilaallamu. Xiinxalli kuni haaluma walfakkaatuun yoggu ibsamu, akkuma dhiirri dubartii malee ilmoo godhachuu hindandeenye, Kallachis Caaccuu malee  tajaajila hinkennu; sirna Gadaa fi aadaa Oromoo keessatti meeshaaleen kunneen lamaan akkuma saalawwan lamaanii adda hin bahan jechuu dha.

Kallachii fi Caaccuun akka saalawwan lamaanii adda hin bahan yoggu jennu tajaajilli isaaniis akka wal-fakkaatu (adda hinbaane) ibsuuf dha. Meeshaalee lamaanuu araara buusuu keessatti ga’ee guddaa qabu. Jaarsoliin Kallacha, beerren Caaccuu qabatanii araaraaf dhufnaan nagaan namoota jidduutti ni bu’a; dhiibanii araara diduun safuu cabsuu qofa osoo hintaane abaarsa cimaaf waan nama saaxiluuf meeshaaleen kunneen hedduu ni sodaatamu. Haaluma walfakkaatuun meeshaaleen kuni namaa fi Waaqallee walitti araarsu jedhameetu amanama: namni firri jalaa du’e yoo jiraate meeshaalee kanaan Waaqa waliin araaramee gadda isaa dagachuun gara tasgabbiittii dhufa.

Walumaagalatti uummatni Oromoo kabaja addaa meeshaalee kanaaf (Kallachaa fi Caaccuu) qaburraa kan ka’e dhimmoota ciccimoo hawwaasummaa, dinagdee, siyaasa fi amantaa hunda ittiin raawwatata. Raawwii dhimmoota ciccimoo akkanaa akka ga’umsaan hooggananiif ammoo jaarsolii “Abbaa Kallachaa” fi beerren “Haadha Caaccuu” ta’uuf danda’an ulaagaa gugurdoo baasanii of-eeggannoo cimaadhaan filatu.  

Nu Ofkalchaa!