Callee- Meeshaa Faaya Oromoo

Calleen dooqahalluuwwan addaddaa qabu fi saba Oromoo biratti meeshaa akka faayaatti fayyadu dha. Uumamaan Calleen lafa keessaa argamu akkuma jiru mukeen fi sibiilota biroorraas hojjetamuu danda’a.

Warreen dhiiraa Callee dirachuun isaanii seeraan dhorkamuu baatullee caalaatti kan kaayyatu garuu dubartoota dha. Cidhaaf, kabaja ayyaanota aadaa addaddaa fi simannaa keessummootaa, kkf. yoggu bahan dubartootni Calleedhaan of miidhagsu. Dubartootni Callee halluuwwan addaddaan miidhagde kaayachuun isaanii akka isaan uumamaan kennaa hedduun guutaman kan agarsiisu ta’uullee kan dubbatan ni jiru (Dirribii Damussee, Ilaalcha Oromoo፡Barroo Aadaa, Seenaa fi Amantii Oromoo, 2009:29-30; Dudhaa, 1998:30).

Faayidaan Callee inni ijoon akka faayaatti tajaajiluu dha. Dubartootni adda/mataatti keeyyatu; morma isaaniitti diratu; meeshaa miidhaginaa biroo waliin harka isaaniitti qabatu; uffata isaaniittis hodhatu. Calleen faaya Oromooti yoggu jennus namaaf qofa miti; meeshaaleen (akka qabee, elemtuu fi hanqalbaa fa’a) akkasumas fardeen illee Calleedhaan miidhagfamu.

Callee fi meeshaaleen kana fakkaatan biroo kunneen adda-durummaan “faayaaf” yaa oolanuu malee akka sadarkaa isaaniitti kabajas ni qabu. Kabajni Calleef kennamu garuu isa meeshaalee ulfoowwan biroof (Kallacha, Bokkuu, Siinqee, Caaccuu fi Qanafaaf) kennamuun gadi ta’uu ni mala. Ni kabajamu jechuun garuu “ni waaqeffatamu” jechuu miti; Oromoon kan waaqeffatuu fi kan akka faayaatti itti fayyadamu adda baasee saba beeku dha.  

Akka aadaa fi sirna Oromootti Calleen kan waaqeffatamu miti yoggu jennu garuu namootni Oromoo ta’an hundinuu gocha kanarraa bilisa jechuu miti. Dhalataa Oromoos ta’e saba biraa keessa Callee akka faayaatti fayyadamuu dhiisuun dhadhaa dibanii, qabee keessatti naqanii, bakka dukkanaa’aa kaayanii kan itti waaqeffatan ni jiraatu. Gochaan akkanaa jiraachuu malus garuu kan Oromoos ta’e saba biraa akka waliigalaatti bakka bu’u miti; saba kamiyyuu keessatti namni dhuunfaan gaariis hojjatu badaa hawaasa bal’aa bakka bu’uuf gonkumaa hin danda’u.

Callee mallattoo faayaas ta’e waaqeffannaa kan taasisuu danda’uu maalummaa meeshaa sanii osoo hin taane ilaalcha fi gocha namootaati. Meeshaan tokkichi akka murtoo namootaatti faayidaa addaddaaf ooluu ni mala: Kiristaanotni ittiin kadhannaa gaggeessu [“maquxariyaa”]; akkasuma Musliimonnis ittiin du’a (kadhannaa) taasisu; kaanimmoo meesha kanuma akka “waaqaatti” kunuunfachuu malu. Oromoon garuu akka aadaa isaatti Callee faaya taasifata (ittiin sanyii/hidda dhaloota isaa lakkaawwata kan jedhanis ni jiru) malee hikoo biraa hin kennuuf!

Nu Ofkalchaa!

11,801 Comments