Meeshaalee Qulqullaa’oo Oromoo-Kallacha

Saba Oromoo biratti meeshaaleen haala addaan kabajaman, akka “qulqullaa’oo” tti ilaalaman fi guyyoota muraasaaf sirna addaa raawwachuuf qofa hojiirra oolan ni jiru. Meeshaaleen kuni sabicha biratti ulfina addaa waan qabanniif ‹‹ulfoowwan›› jedhamuun waamamu (Dirribii, Ilaalcha Oromoo, 2009: 29-30). Meeshaalee kanneen keessaa warreen gugurdoo ta’an gabaabsinee isiniif dhiyeessina; kutaa barreeffama keenyaa kana keessatti waa’ee Kallachaa yaa ilaallu:

Kallachi maali? Eessaa Dhufe? Kallachi sibiila qorsa (Comet) jalqaba ballaqqeessa (bakakkaa) waliin samii keessaa bu’e; kanaafuu “Waaqatu kenne” jedhameetu amanama. Kan Waaqni kenne kana lafaa fuudhuun duratti garuu aannan saawwa gurraatti lafichatti dhibaafachuu (dhangalaasuun) seera dha (Dirribii, Ilaalcha Oromoo, 2009:104-107). Akka maanguddoonni ibsanitti Waaqni kallacha kan kennes meeshaalee kanatti fayyadamuun Oromoon nagaa fi seera eegee akka jiraatu gochuufi. Kanaafuu, kallachi sibiila biyyoo bakka bakakkaan bu’erraa fudhatamee hojjetamu akka ta’e ni eerama.  

Kallacha Eenyutu Kaayyachuu Danda’a? Haaluma duraan ibsametti kallachi jalqaba bakakkaa waliin samii keessaa bu’uu isaarraa kan ka’e Oromoon kallachaaf kabaja guddaa qaba. Meeshaa kabaja guddaa qabu kanas kaayyatee deemuu kan danda’u nama sabicha biratti kabaja guddaa qabu dha; “Abbaa Kallachaa” jedhama (akkuma namni Bokkuu qabatu “Abbaa Bokkuu” jedhamu). Walumaagalatti Namni kallacha kaayyachuuf danda’u guyyaa sirna Gadaa addaa qofa, saalaan dhiiraa, umuriidhan bilchaataa fi angafa gosaa yoo ta’e qofa dha (Baxter, Being & Becoming the Oromo, 1979:73,80).  

Akaakuu Kallachaa: bara durii, kallachi akaakuun lama akka jiru ture ni himama: kallacha kormaa fi kallacha laafaa. Kallachi gosti lamaanuu kan keeyyataman mataa (adda) irratti yoggu ta’u lamaan kuni garuu faayidaa addaddaa ni qabu.

Faayidaalee Kallachaa: kallachi kan godhatamu bareedinaaf/faayummaaf osoo hin taane sirna aadaa Oromoo keessatti hiikaa mataasaa waan qabuufi. Keessumattuu Waaqayyoon kadhachuuf, nageenyaa fi waldhabbii cimaa jidduutti araara buusuuf kan tajaajilu dha. Kallachi kormaan meeshaa nama safuu cabse (yakka cimaa hojjetee) gorsaan deebi’uu dide ittiin abaaran waan ta’eef baay’ee sodaatama. Kan nagaa buusuu fi ayyaaneffachuu amantii fi hawaasummaa raawwachuuf tajaajilus isa kana. Karaa biraa, kallachi laafaan akka mallattoo kabajaa fi qajeelummaatti kan tajaajilu yoo ta’u Qaalluu fi Abbaa Gadaatu godhata.

Qorataan aadaa, seenaa fi amantaa Oromoo kan ta’e Baxter (1979: 82-84) odeeffannoo maanguddoota sabichaa irraa argateen fakkii Kallachaa (muchoo adda irratti mul’atu kana) mallattoo saala dhiiraan fakkeessa. Kanaafuu, namni Kallacha godhatu tokko sadarkaa umurii waraanaa ga’uusaa (sabicha diinarraa eeguuf guutu diira /a successful warrior as member of political adulthood/ ta’uusaa) ittiin agarsiisa. “Guutuu Dhiiraa” ta’uun kuni umuriin baay’achuu fi cimina qaamaa qabaachuun qofa osoo hin taane yaadaanis bilchaatanii itti-gaafatamummaa hawwaasaaf (a symbol of firm & responsible manliness) aangeffamuullee ni hubachiisa.

Walumaagalatti Kallachi meeshaalee qulqullaa’oo Oromoo keessaa isa jalqabaa fi kabaja ol’aanaa qabu dha. Maanguddoon Kallacha qabatee Waaqa kadhannaan dafee akka dhaga’amu ni amanama; Waaqni cimaan meeshaa cimaatiin kadhatameeraati. “Isuma ati samiirraa nuuf ergiteen si kadhanna!”  jedhanii waadaa araaraa kennameef saniin Waaqa garaa laaffifatu. Namni Kallacha hidhatee argamnaan hawwaasni hundi eenyummaasaa gaaffii tokko malee ni bara; haala kamiin kabajuu akka qabus ni beeka. Kallacha sodaachuu, nama Kallacha hidhate kabajuu baannaan garuu adabbii Waaqa irraa isatti dhufuu maluu ni hubata, of eeggatas. Namni Kallacha qabatee araaraaf dhufnaan dubbiin cimteetti jechuu dha (keessumattuu yoggu namni wal-ajjeesu araarsuuf Kallachatu qabatama); cimtus garuu “tole” jedhanii jalatti kufuurraa kan hafe diduun safuu dha.  

Nu Ofkalchaa!