Moggaasa-Sirna namni Oromoo hin taane “Oromummaa” itti argatu!

Eenyummaan nama tokkoo hunda caalaa “nama” ta’uusaati. Garuu namoota hunda keessa adda bahanii gareen muraasni yoggu aadaa, qooqa fi wantoota kana fakkaatan waliin hirmaatan (walfakkaatan), eenyummaa “namummaa” isa bal’aa fi bu’uuraa jalatti “Oromummaa” gonfachuu malu. Sabaa fi sablammoonni biroollee haaluma walfakkaatun eenyummaa itiin walfakkaatan ni qabu.

Akkaataa maddeen addaddaatti, eenyummaan Oromoo (Oromummaan) karaa shan argamuuf ni danda’a: dhiigaan (daa’ima ofii dhalchan, kan Oroomota irraa dhalate); Guddifachaan (sababa dhala dhabuunis ta’e osoo dhala qabanii gargaarsaaf jecha kan namni biraa dhalche fudhatanii guddisuudhaan); Booji’uudhaan (waraana keessatti moo’amuun kan ka’e “sittan gala” jedhee kan harka kenne fudhachuu); Ilmoo Mixii (daa’ima sababa addaddaan, namoota hin beekamneen bakkeetti gatamee argame biyyoo/mixii irraa hurgufuun akka dhala ofiitti kunuunsanii guddisuuf fudhachuu); fi Moggaasaan (fedhii isaatiin nama saba biraa keessaa gara Oromootti dhufeef maqaa Oromoo baasanii dhuunfachuu).

Namni kamiyyuu taanaan (dhiigaan kan dhalates, kan guddifames, inni booji’ames, kan lafaa argaames ta’e kan saba biraa keessaa dhufee Oromootti makamuu fedhe) hundaaf maqaa moggaasuun dirqama. Kanaafuu, barreeffama keenya kana keessatti kallattiilee shaman Oromummaa ittiin argatan keessaa isa hunda isaanii ibsuu malu kana (Moggaasa) gabaabsinee isiniif dhiyeessina.

Moggaasa jechuun kallattumaan yoggu hiikamu maqaa baasuu jechuu dha. Aadaa kamiinuu keessatti daa’imni tokko yoggu dhalatu maqaan ni ba’aaf. Aadaa Oromoo keessatti “moggaasa” yoggu jennu garuu isa dhalootaan kennamu ibsuuf miti; namni tokko qomoodhaan saba Oromoon ala ta’ee garuu fedhasaatiin gara Oromummaatti yoggu dhufu ykn gumaacha cimaa inni sabichaaf kennerraa kan ka’e uummatichi beekamtiin addaa yoggu kennuuf maqaa kennamuuf ilaallata malee.

Haala kanaan, Oromoon namoota dhiigaanis ta’e aadaan, qooqaanis ta’e haala jireenyaan isa hin fakkaanne waliinillee sirna itti tokkummaa uummatu (eenyummaa haaraa hirmaatu) ni qaba jechuu dha. Namni dhiigaan Oromoo hintaane sirna simannaa addaan “Oromummaa” haalatti argatu kanatu “Moggaasa” jedhama.

Kanaafuu, “Oromummaa” yogguu jennu dhalootaan (dhiigaan) qofa miti; namni kamiyyuu eenyummaa fi aadaa Oromoo jaalatee sabichatti makamuu yogguu fedhu akka adeemsa Gadaattii sirni barbaachisaan raawwatameefi dhuunfachuu kan danda’u dha. Gama biraan ammoo, akkuma Oromummaa argachuuf dhiigaan Oromoo ta’uun dirqama hin taane akkasuma namni dhiigaan Oromoo waan ta’eef qofa “Oromummaa” qaba hin jedhamu; akka sabichi jiraatutti jiraachuun, akka sabichi yaadutti yaaduun, akka sabichi lammiisaaf gaarii hojjetutti hojjechuun dirqama. Al takka sirna moggaasaan sabichatti makamnaan akkuma dirqamni hawwaasummaa kuni isarra jiru akkasuma mirga Oroomoon tokko argachuu malu hundas (isa dhiigaan/dhalatee Oromoo ta’een wal-qixa) ni argata.

Ilma Moggaasaa ta’uun umurii, saala, amantaa fi bifa daanga’e hin qabu: daa’immummaan qofa osoo hin taane namni umurii kamiyyuu keessa jiru, sadarkaa/aangoo fi saala kamiiyyuu yaa qabaatu maqaa, amantaa kamiyyuu yaa hordofu maqaan moggaafameefi, gosa fi Gadaan kennameefi gara saba Oromootti makamuu danda’a.

Oromummaan sirna Moggaasaan argamu bifaanis ta’e biyyaan kan daangeffame waan hin taaneef, Uummata Itiyoophiyaa  keessaa qofa osoo hin taane warreen adii keessaallee sirna moggaasaa raawwachuun kan Oromoman ni jiru. Fakkeenyaaf, dhimma Oromoo yeroo hedduuf kan qoratan ‘Bonnie Holcomb’ jedhaman maqaan ‘Qabbanee’ jedhu akka mogga’eefii ragaaleen ni jiru (https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48999998). Maddi odeeffannoo kuni dabalatas nama dhalataa Awustiraaliyaa ta’e (manguddoo umurii 69) Dr. Tireevar Tiruuman jedhamu tokko oolmaa inni Oromoof oolerraa kan ka’e maqaa ‘Galatoo’ jedhu akka kennameef eereera.

Maqaan wantoota eenyummaa saba tokko ibsan keessaa isa tokko waan ta’eef namni eenyummaa, aadaa fi yaada Oromoo dhuunfate (jaalatee fudhate) tokko ammoo maqaa eenyummaasaa haaraa kana sirriitti ibsutu kennamaaf. Maqaan moggaafamuuf kunis seenaa ykn mudannoo tibba sanii waliin kan walqabatu ta’uu ni mala. Fakkeenyaaf, namni duraan Dr. Tireevar jechuun caqasneeef maqaan Oromoo “Galatoo” jedhamu kan kenname akka tasaa miti; “Gartuu gargaarsa Oromiyaa waliin hojjechaa waanan tureef si galateeffanna jechuuf” dha.

No Ofkalchaa!!!

2,165 Comments