Odaa-uumama akka mukaatti biqilee, akka namaatti kabajamu!

Odaa

1. Odaan Maali?

Oromoo fi Oromummaa yoggu kaafnu, miidiyaalee addaddaa irrattis sagantaan Afaan Oromoo yoggu saaqamu, dhimmootni Naannayaa Oromiyaa ilaallatan yoggu dubbataman kan dafee sammuu keenya keessatti dhufus ta’e ija keenya keessa seenu keessaa inni adda-durummaan beekamu #Odaa dha. Dhaloota biratti Odaan asxaa saba Oromoo ta’uun beekameera.

Odaan muka jirma tokkoon lafaa biqilee yoggu ol siiqu garuu dameewwan hedduu qabu dha.  Haaluma kanaan, mallattoo eenyummaa fi tokkummaa Oromoon fakkeeffama: Oromoonis jirmi (maddi) isaa tokko ta’eetu latiinsa addaddaan baay’ateeraati.

2. Faayidaan Odaa Maali?

Akka mukaatti Odaan gaaddisa ta’uudhaan dorgomaa hin qabu. Oromoon Odaa jala taa’ee waa hunda marii’atee hiika; kan wal-lolan Odaa kana jala jaarsummaa taa’uun ni araarsa. Odaa jala teenyaan gubaatiin aduu nama hin dhaqqabu; kan namni wacee (sagalee guddaan) dubbatu ammoo fagootti bahee nama hin jeequ.

Qorataan Seenaa Dereje Hinew jedhamu barreeffama isaa “Historical Significances of Odaa with Special Reference to Walaabuu” jedhu keessatti faayidaa Odaan akka gaaddisaatti qabu kana jecha “Gadaa” jedhu waliin wal-qabsiisa: “Gadaa is  derived from  the term gaaddisa (shelter  or shade that protects from the  heat of the sun)” jechuudhaan  (Science, Technology and Arts Research Journal  April-June 2012, 1(2):81-90). Kanaafuu, Odaan madda nagaa fi mallattoo araaraa ti.

Odaan “mallattoo nagaati” yoggu jedhamu qabatamaan maal jechuu akka ta’e BBC’n hayyuu waa’ee Ilaalcha Oromoo barreessuun beekaman, Obbo Dirribii Damussee, dubbisee waa sadii caqaseera: Odaa jalatti waraanni hin qubatu; waanti hamaan hin hojjetamu; adabbii du’aa hin dabarfamu, hin raawwatamus.

Odaan dameewwansaa akka kaattuu afamee bal’ateen namootaaf gaaddisa ta’uurra darbee mukeen biroofillee qabbana kennuu fi haguuggii eegumsaa ta’un tajaajila. Sababa kanaaf jecha, odaan muka ofiif qofa jiraatu miti; mukeen kaaniifillee akka haadhaa ta’ee kunuunsa.

Akka gaaddisaatti qofa osoo hin taane, sirna Gadaa fi seenaa sabichaa keessatti Oromoo fi odaan hidhata addaa qabu. Keessumattuu, Galmi Abbaa Muudaa fi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti waan ijaaramuuf, bakka itti ayyaanni muudaa raawwatamu fi ce’umsi sirna Gadaa (walharkaa-fuudhinsi aangoo) itti raawwatamu dha. Seerotni addaddaa odaa kana jalatti tumamu; yaa’ii (walgahiileen) hedduunis bakka itti gaggeeffaman dha. Barreessaan Seenaa Oromoo beekamaan “the #sacred meeting place” [=bakka walgahii qulqullaa’aa] jechuun moggaaseera (Baxter, Being and Becoming Oromo, 1996:6).

Walumaagalatti, Sirna Gadaa Oromoo keessatti Odaan Galma Heeraa fi Seeraa waan ta’eef, Odaa jalatti: dhugaatu dubbatama; seeratu murama, tumama, lallabama; nageenya fi roobatu kadhatama; dhibeetu ofirraa falatama/balaaleffatama; caasaa sirna Gadaatu diriirfama; haala jiruu fi jireenya hawwaasaatu marii’atama (Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa, Sirna Gadaa Oromoo, Sirna Walharkaa Fuudhiinsa Baallii Gadaa Sikko Mandoo, 2010:4).

3. Mukeen Kaanirraa Odaa Maaltu Adda Taasisa?

Odaan yoggu ijaan ilaalamu muka; garuu akka mukaa kaanii “muka qofa” miti. Namni hundi maqaa “nama: jedhuun waamamuun fi qaama addaddaa qabaachuudhaan tokko ta’uu (walfakkaachuu) malullee hundi garuu “nama” ta’uu dhiisuu mala: akka namaatti yaaduu, akka namaatti jiraachuu fi akka namaatti safuu hawaasaa eeganii guddachuudhaan namni wal-caala. Akkasuma, odaan “muka” jennullee mukeen irraa adda. Qorattootni Seenaa tokko tokko Odaa kana “the #holy sycamore tree in Gadaa System” jechuun caqasu (Dereje Hinew, 2012:82).

Saba Oromoo biratti Odaan akka mukoota biroo miti. Sababiin isaas wantootni odaa adda taasisantu jiruuyiti:

  • Hunda caalaa Odaan bakka itti Seerri Waaqaa kenname jedhameetu amanama. Kanaafuu, Odaan maanguddoota biratti “bakka Waaqni hariiroo isaa nama waliin qabu itti haaromsate” jedhameetu ibsama (Kitaaba ‘Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa’ jiildii 1ffaa jedhu caqasuun Gaazexaan Bariisaa, Sadaasa 2006 akka gabaasetti).
  • Sirni aadaa, hawwaasummaa, amantaa fi siyaasaa hedduun isa jalatti waan raawwatamuuf, mukeen hunda keessaa filatamee addatti kabajamaa fi eebbifamaadha. 
  • Odaan mukummaa irra darbee aadaa fi sirna hawwaasummaa ibsuun (expression of socio-cultural concepts), mallattoo eenyummaa sabaa calaqqisiisuun (representing identity), akkasumas akka wiirtuu amantaa fi siyaasaatti tajaajiluun (center for religious rituals and political reorganization) beekameera.
  • Odaan akka mukeen biroo cal’isee hojjaa (dheerina) qofaan ol hin fiigu; xiqqoo akka ol siiqeen dalga dagaaga malee. Kanaafuu, isumatu deebi’ee akka manaa fi galmaa ta’a.
  • Bonaa ganna lalisaa dha; caamsaan dheeratullee gonkumaa hin  gogu. Kanaaf jecha Odaan Oromoo biratti akka “mallattoo badhaadhinaa fi milkii gaarii” jedhamee ilaalama. Afoola Oromoo durii keessattis, bara caamsaan dheera ture tokko mukeen keessaa Odaan, burqaawwan keessaammoo Walaabu qofaan osoo hin gogiin akka hafan ni eerama.
  • Umuriin isaas haga malee dheeraa dha.
  • Odaan bakka hundatti hin margu; mallattoo jiidhinsaa waan ta’eef bakka odaan margee jiru akka bishaan jiru mallattoo dha.
  • Odaan adda waan ta’eefuu, jirmasaa muranii jigsuun, dameesaa foxxoqsanii gogsuun, hiddasaa buqqisanii balleessuun fi baalasaa harcaasuun  safuu dha; garuu qabanasaa jala taa’uun, lafasaa qotatanii nyaachuu fi horii dheechifachuun eeyyamameera.

Walumaagalatti, Odaan akka mukaatti yaa biqiluyyuu malee Oromoo biratti mukeen ol kan ta’e, akka waaqaa ta’uu dhiisullee akka namaatti kabaja kan qabu dha jechuuf ni dandeenya. “Uumama akka mukaatti biqilee akka namaatti kabajamu” kan jenneefiis kanaaf. Oromoon Odaaf kabaja addaa qaba jechuun garuu Odaa jala taa’ee Waaqa Odaa uume galateeffata malee Odaas ta’e bineensa Odaatti galuu malu waaqeffata jechuu miti. Ejjennoon Oromoo “uumamaan Uumaa galateeffachuu” dha: odaa qabbanasaaf jala taa’ee, malkaa jiidhasaaf facaafatee, tulluu dheerinasaaf itti naanna’ee Waaqa uumamtoota kanaa dinqisiifata.

Nu Ofkalchaa!