Odaalee Oromoo Gurguddoo Shanan

five odaas

Odaan saba Oromoo biratti mallattoo fi kabaja inni qabu barreeffama keenya duraanii keessatti bal’inaan ilaalleerra. Mukti kamiyyuu odaa fakkaatee biqileefis odaa jedhamuu akka hin dandeenye ifa dha. Mukti odaa ta’ee biqile hundis Oromoo biratti wal-qixa kabajni hin kennamuuf; dachee kanarratti odaan biqileerus lakkoofsaan hedduu waan ta’eef.

Garuu Odaaleen haala addaan seenaa sabichaa keessatti yaadataman, bakkeen seenaaleen gurguddoon itti raawwatamantu jiru. Isaan kuni lakkoofsaan Shani. Bakkeewwan taateewwan seenaa gurguddoo (Oromoon waggoota dheeraaf yaa’iiwwan addaddaa jalatti gaggeessaa fi seerota hedduu jalatti tumachaa ture) waan ta’aniif isaanis odaalee kaanirraa adda bahanii “Odaalee Gurguddoo Oromoo” jedhamu. Oromoon eebbasaa kessattis “Waaqa Odaa Shananii nu dhagahi” jedheetu kadhata. Barreeffa keenya har’aa mata-duree kanumaan kan jalqabneefis kanumaaf.

Odaalee Oromoo gurguddoo shanan jedhamuun kan beekaman Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Bisil,  Odaa Bulluq fi Odaa Bultum dha. Tokkoon tokkoon isaanii gaggabaabsinee akka armaan gadiitti yaa ilaallu:

Odaa Roobaa: Odaaleen Oromoo baroota addaddaa keessatti waan ijaaramaniif, Odaan Roobaa akka Oromootti “Odaa Hangafaa” jedhameetu beeqama. Odaan kuni Godina Baalee, Aanaa Gindhiir, Ganda Odaa keessatti argama.

Odaa Nabee: Odaan kuni keessumattuu Oromoo Tuulamaa bakka bu’uun Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Aqaaqii naannoo magaalaa Duukamitti kan argamu dha. Kunis yeroo dheeraaf dame Odaa Roobaa ta’ee akka ture himama. Barreessaan Isheetuu Irranaa jedhaman garuu wiirtuu Abbaa Muudaa ta’uudhaan Odaan Nabee akka dursu eeranii itti-aansuudhaan Odaa Roobaatti ceesisu (የኦሮሞ ታሪክ፤ 200171).

Odaa Bisil: kunimmoo Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Illuu Galaan keessatti (laga Gibee, Biloo fi Geedoo gidduutti) kan argamu dha. Odaan kuni bakkatti shanan Maccaa itti walgahan jedhameetu amanama.

Odaa Bulluq: Odaan kuni Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Aanaa Horroo, Ganda Odaa Bulluqitti kan argamu dha. Odaan kuni of-jalatti burqaalee sagal akka qabu fi maqeen ijoollee Jaawwii saglaniin akka moggaafaman maanguddootni dubbatu.

Odaa Bultum: kunimmoo Godina Harargee Lixaa, Aanaa Odaa Bultum keessatti, magaala Kaarra Qurquraa jedhamturraa fageenya dhiyootti argama. Heerri Oromoo yeroo addaddaa keessa, bakkeen addaddaatti labsamaa ture kan guutame yookaan xumura kan argate Odaa Bultumitti akka ta’e ni dubbatama. Kanaafuu, akkuma Odaan Roobaa Odaa jalqabaa jedhamu, Odaan Bultum ammoo Odaa Xumuraa jedhamuun beekama.

Walumaagalatti Odaaleen gurguddoon Oromoo biratti beekamtiin kennameef shanan warreen kana dha. Garuu maanguddootni tokko tokko lakkoofsa Odaalee kanaa Sagal taasisu; odaa shanitti seeratu tumame, afuritti ammoo seerrri itti eebbifame” jechuudhaan. Haaluma kanaan Odaaleen afran dabalaman Odaa Adoolaa (Gujii), Odaa Hullee (Jimma), Odaa Doogii (Ilu-Abbaa-Booraa) fi Odaa Gudayyaa (damee Odaa Bisil kan ta’e, Odaa Mandiidaa Waaqoo) jechuun ibsu.

Ka’umsa Odaalee kanneen hundaa fi handhuura Gadaa durii (“The Earliest Gadaa Center”) ta’uun kan amanamummoo Madda Walaabuu dha; akkuma “Waaqni uumama hundaa bishaan Walaabuu uume” jedhamu, akkasuma Seerri fi Heerri Oromoos kan bu’uureffame bakkuma kanatti jedhama (Dereje Hinew, Historical Significances of Odaa with Special Reference to Walaabuu, in  Science, Technology and Arts Research Journal, April-June 2012,  f.84).

Nu Ofkalchaa!

6,264 Comments