Qanafaa- Kabaja Deessuu Haaraa, Meeshaa Qusannoo Maatii

Saba Oromoo biratti meeshaalee akka ulfootti ilaalaman, kabajni addaa kennamuuf keessaa muraasa barruulee keenya duraanii keessatti ibsaa turreerra. Amma ammoo meeshaa akka mallattoo deessuu haaraatti, faayaa fi tooftaa to’annoo wal-hormaataatti fayyadu-Qanafaa- isiniif qabannee dhiyaanneerra.

Qanafaan mukeen, callee, gaanfa fi simaagoo fa’a irraa kan hojjetamu dha. Qorataan Saafii Tamaam jedhamu ammoo “Qanafaan- Calleerraa qophaa’ee, amartiin birriifi muukni harooressaa seentii meetira sadi dheeratuufi hanga quba xiqqoo harka namaa qa’atu walakkaatti hidhanii dubartiin deessee ulmaa ciiftu mi’a kallacharratti ykn addarratti hanga ulmaa baatutti hidhattuudha” jedha (Qaaccessa Raawwii Sirna Ulmaa Dubartii Oromoo Godina Arsii, Aanaa Xannaa; 2009:iii)

Akkuma Siinqee kunis dubartootaan qofaan kan kaayatamu dha. Haaluma kallachi adda dhiiraa irratti kaayatamun akkasuma dubartootni Qanafaa kan hidhatan adda isaanii irratti dha. Dubartiin Qanafaa hidhattus dirqama “deessuu” ta’uu qabdi. Kanaafuu, Qanafaan asxaa dubartiin dahuu ishee ittiin agarsiifattu dha jechuu dha. Akka aadaa Arsiitti “Wayyuu” jedhamti. Qanafaanis bakkeen Oromiyaa addaddaa keessatti tajaajilaaf ooluu malullee, keessumattuu Arsiitti garuu beekamaa dha.

Qanafaan akka bareedinaa (faayaa) ttiis fayyadullee adda-durummaan garuu mallattoo (asxaa) deessuu fi ulfinasheee ti. Hawaasa Oromoo biratti dubartiin kamiyyuu kabaja guddaa kan qabdu taatullee keessattuu dubartiin dhiheenya deesse ammoo kabaja ol’aanaa qabdi (=mootii biyya bituu/hoogganuu malu deessi jedhameetui). Gama kaanin immoo dubartiin daa’ima tokko baatii sagal guutuu garatti baattee nagaan hiikamuun ishee gammachuu guddaa waan ta’eef hawaasa keessatti sirna addaatiin kabajama. (Hayiluu Bantii, Cooraa Aadaa Jimmaa,Oromiyaa, 1997:19). Dubartii dhihoo deessee kanaaf addatti qanafaa hidhuuf, mataatti dhadhaa dibuuf, abbaa manaa ishees siree kabajaa isaanii isheef gad-lakkisee qofaa ciisa.

Walumaagalatti kabaja addaa dubartii Qanafaa hidhatteef kennamu haaleen sadiin goolabuu dandeenya:

  1. Mana namaa yoo deemte diinqa malee fuuldura hinteessisan; dhadhaa dibattu malee hinbaatu; warri gabaatti waa gurguratu jabeessee itti hindubbatu;[1] hin arrabsamtu; karaa dheeraa hin deemtu, deemtus hin qaxxaamuramtu; kan fardarra jirullee bu’eetu ishee yaabbachiisa; dubartiin qanafaa hidhatte manakeerraa nyaattee dhugnaan “milkii gaarii dha” jedhamee waan amanamuuf hunduu gara manaatti isaan afeera (ድሪቢ ደምሴ ቦኩ፤ የኦሮሞ ማንነት ታሪክ፤ 2007፡265).  
  2. Abbaan manaa dhaanuuf (rukuchuuf) gonkumaa hin yaalu. Sababa kamiinuu ishee rukunnaan garuu dubartoota ollaatti ililfatti (sagalee addaan waammatti); isaanis Siinqee isaanii qabataniitu ishee birmatu. Haadholeen Siinqee weedduu “Hanshooshillee…deessuu aannanii, harmee aannanii, maaliif dhaananii, anaan waamanii…” jedhu weeddisaa walitti qabamu. Dubbiin sadarkaa kanarra geesse jennaan ammoo adabbii cimaatu isa eeggata. Yaa’anii dallaa namichaa (abbaa mana ishee) marsuudhaan too’annoo isaanii jala erga oolchanii booda lammaffaa safuu cabsu akkasiitti akka hin deebine kaksiisanii, tumaalessa ykn korma irraa qalatanii adabu.
  3. Aadaa Oromoo durii keessatti ammoo dubartiin qanafaa addatti hidhatte tokko “deessuu haaraa” ykn kan daa’ima hoosiftu ta’uunshee waan beekamuuf abbaan manaa isheellee hanga isheen daa’ima harma guustutti wal-quunnamtii saalaaf ishee hin kajeelu ture. Daa’imni sirriitti harma osoo hin hodhiin gu’e “humna hin qabaatu, dhibee adda addaatiifis ni saaxilama” jedhamee waan amanamuuf dubartii “Haadha Qanafaa” waliin wal-quunnamtii saalaa raawwatanii ulfa biraa uumuun “fafa” [hawaasa keessatti akka salphinaatti kan ilaalamu, kan balaaleffatamu] dha. Gaafa guyyaan ishee gahu (qaamni ishees ta’e kan daa’imaa yoggu jajjabaatu) isheenuu Qanafaa ishee sirna addaan ofirraa baasuun bakka kabajamaa keeyyattee  Ji’oota Shan booda bira ciifti (ድሪቢ፤ 2007፡265). “Yeroon Qanafaa” osoo hin xumuramiin fi fedha ishee malee abbaan manaa yoo safuu kana cabsee ishee dirqisiisuuf yaade garuu maanguddoo ykn tuta Siinqeetti himachuuf mirga qabdi (adabbii Sirna Siinqeetu isarra gaha jechuu dha). Kanaafuu, Qanafaan akka tooftaa qusanna maatiittis (dubartootni akka walirraa fageessa dahaniif) ykn “Family Planning Method” ni fayyada jechuu dha.[2]

[1] https://hornaffairs.com/om/2014/12/07/siinqee-kabachiiftuu-mirga-dubartootaa/  Charinnat Hundeessaa akka barreessetti.

[2] Akka barreessaan Amsico jedhutti (https://oromiatiyya.wordpress.com/2015/07/11/qanafa)

6,366 Comments