Siinqee- Mallattoo Mirga fi Kabaja Dubartii

Siinqeen Maali (Maalirraa Hojjetama)?

Siinqeenulee qal’oo, dheertuufi sorooroo uka hinqabne dha. Uleen kun kan tolfamtu muka harooressaa irraa akka ta’e maanguddoonni ni dubbatu. Gosti mukaa kun kan filatameefis caalaatti soroorina fi jabina waan qabuuf fakkaata. Hojjaan Siinqee yoggu muramus dirqama hojjaa (dheerina) dubartii qabachuuf jirtu waliin walsimuu qaba. Murameen boodas bareedinaaf (akka diimatuuf) jecha bakka aarri jiru (baaxii manaafa’a jala) ni kaawama (Dirribii, Ilaalcha Oromoo, 2009: 30).

Siinqee Eenyutu Qabata?

Kan Siinqee qabatu dubartoota qofa dha. Garuu saalaan “dubartii” ta’uun qofa gahaa miti; dirqama kan heerumte ta’uu qabdi. Siinqeen kan isheef kennamus gaafa heeruma ishee, boraatii fi callee waliin, haadha isheerraati. Kanaafuu, Siinqeen “kennaa misirroo ykn idaayyii” ti jedhamuu ni danda’ama. Kennaa kana jalqaba haadha intalaarraa kan fuudhu garuu misirricha dha; “intalakoo siif kennuu qofa osoo hin taane imaanaa sirra kaawwadhe” jechuu dha.

Faayidaan Siinqee Maali?

Siinqeen ulee mukarraa tolfamu ta’ullee garuu tajaajila uleen kennu akka kennuuf miti. Fakkeenyaaf, akka ulee biraa ittiin loon hin tiksan, bineensa ittiin hin rukutan, akka dhadhaabbataattis hin fayyadaman. Siinqeen kaayyoo fi tajaajila addaaf uumamte. Faayidaalee Siinqee muraasa akka itti-aanutti haa ilaallu:

  1. Mirga Dubartootaa: Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta’uu) ti. Kanaafuu, haati intalashee alagaatti kennitullee garuu meeshaa ulfoo kana qabsiiftee waan gaggeessituuf yaaddoo hin qabdu; abbaa manaa ishee dabalatee qaamni ishee miidhuuf yaalu kamiyyuu sababa Siinqee kanaaf jedhee ishee kabajaati. Meeshaa kanaan mirga haadha-warrummaa ittiin kabajchiifatti.
    • Meeshaa kanaan mirga haadha-warrummaa ittiin kabajchiifatti
    • Mirgi dubartootaa gama tokkoon abbummaa qabiyyee waliin wal-qabata. Falmiin gama kanaan jiraachuu mala taanaan, dubartiin sun “kun kan kiyya” jettee fiixee Siinqee sanii tuqnaan isheef mirkanaa’a; isheenis sobaan Siinqee tuquuf hin yaaltu; namni biraas kabaja Siinqee sanii tuffatee harkaa fudhachuuf hin yaalu.
    • Lammaffaa, tarii abbaan warraa aariidhaan, bakka isheen Siinqee hinqabatiin jirtutti yoo ishee dhaane (reebe) sagalee addaa (ililfannaa) ni dhageessisti; dubartootni ollaas walitti himuudhaan Siinqee isaanii qabatanii ishee birmatu. Sagaleen ililfannaa kun dhaga’amnaan dubartootni hojii kamillee yaa qabaatan battalumatti dhiisanii fiigu; kan kana caalu hin jiruuti. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana Siinqee qabachiisanii manaa baasu. Sana booda dubartootni hunduu weedduu Siinqee weeddisaa gurmuudhaan dhufanii “Seera Siinqee” tu itti fufa. Dhiirri naannoo (keessumaayyuu haati warraa isaanii gumii kana keessa jirtu) atattamaan walitti qabamuun namicha balleesse kana irratti murtoo barbaachisaa ni dabarsu. Adabbiin kennamu kuni akka haala dubartiin suni keessa jirtutti wal-caala: fakkeenyaaf, yoo ulfa ykn kan reefu deessee ciistu taate adabbichi cimaa ta’a. Murtoon hatattamaan hin kennamuuf taanaan garuu dubartootni waan mana isaaniitti hin deebineef, loon elmamtu ni mar’atti; daa’imman harma dhabuun ni booyu; maatiin hundi nyaata hin argatan.
  2. Kabaja (Ulfina) Dubartootaa Hawwaasa Keessatti:  Dubartiin Siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Kana booda isheen ofiiyyuu “Haadha Siinqee” waan taateef dubartoota akkashee waliin hariiroo uummattee sirna hawwaasummaa ishee cimsatti.  Yeroo jilaas Siinqee ishee qabattee baati. Namni dubartii Siinqee qabattee deemtu yogguu argus qaxxaamuruu, dursanii laga ce’uu akkasumas bira taranii (darbanii) deemuun gonkumaa dhorkaa dha (yoo isheen eeyyamteef malee). Inumaayyuu daandii (karaa) irraa goraniitu ishee dabarsu; namni farda irra jirullee bu’eetu “na ofkalchi” jechuun eeyyamashee gaafateetu yaabbata.
    Kabaja (Ulfina) Dubartootaa Hawwaasa Keessatti
  3. Nagaa (Araara) Buusuuf: gosoota addaddaa jidduutti walitti-bu’iinsi yoggu uumamu gumiin dubartoota (Haadheen Siinqee) ililfatanii walgahuun jidduu yoo seenan battalumatti lolli (waraanni) suni ni dhaabbata (Isheetuu Irranaa, Seenaa Oromoo, 2001:170). Kanaafuu, Siinqeen meeshaa waraana dubartii akkasumas dhugoomsituu nageenyaa fi araaraa ti.
  4. Eebbaaf: bakkeen namoota eebbisuun barbaachisaa ta’etti dubartiin Siinqee ishee kanuma qabatteetu eebbifti. Horii qalmaaf dhiyaatellee jalaqaba mataadhaa hanga randaatti Siinqee isheetiin hariirti (eebbifti).
  5. Kadhannaaf:  dubartiin Siinqee qabdu meeshaashee kanaan Waaqas, namas ittiin kadhatti. Isheenis ta’e maatiin ykn hawwaasni naannoo Waaqa irraa kan argachuuf barbaadan yoggu jiraatu, Siinqee qabataniitu; “Waaqnis Siinqeef kabaja qaba” jedhu. Dhimma cimaa tokko namarraa argachuuf (eeyyamsiisuufillee) akkanuma Siinqee qabataniitu kadhatu. Fakkeenyaaf, kan daa’ima dhabe warreen qabanirraa haala guddifachaan yoggu fudhachuuf barbaadan dubartiin Siinqee qabattee, aannan ciicoodhaan fuutee dhaquun ni kadhatti; akka Seera Gadaa/aadaa Oromootti “haati Siinqee hin didamtu” waan ta’eef ni eeyyamamafi.

Nu Ofkalchaa!

1,789 Comments