Sirna Araara Oromoo-3- Gumaa Baasuu

Sirni araaraa “Gumaa Baasuu” kuni namoota gidduutti waldhabbii irra darbee miidhaa qaamaa cimaa ykn wal-ajjeesuun yoggu mudatu dha. Akkuma duraan eerametti nama ajjeesuun saba Oromoo biratti safuu ta’ullee sababa addaddaan kuni mudachuu ni mala. Sirni Gumaa namni nama ajjeese tokko haala beenyaa kaffalee firootan nama isa du’ee waliin araaramu dha.

Gumaan kan kaffalamu adda durummaan yeroo lubbuun namaa bade fi miidhaan qaamaa cimaan qaqqabe ta’ullee horiin nama harkatti yoo duutes akkaataa sadarkaasaatiin itti murtaa’ee namni ajjeese sun ni kanfalata.

Gatiin gumaaf kennamu lubbuu darbe bakka bu’uu akka hin dandeenye ni beekama; garuu gumaa baasuudhaan namni cubbuu hojjate ofirraa dhiquudhaan firooma deebifata jedhamee waan amanamuuf dha. Kanfaltiin ykn beenyaan kuni Gumaa yoggu jedhamu sirni isaa immoo Sirna Gumaa Baasuu jedhama.

Hanga sirni araaraa kuni raawwatamutti namichi miidhaa geessise bakka jireenya isaarraa baqatee dhokachuu qaba (tibbana gara caasaa Mootummaa deemanii harka kennuun jalqabameera; isaanis hanga sirni araaraa kuni raawwatamutti mana sirreessaa keessa kaa’u). Maatiin fi firri isaallee yeroo muraasaaf baqachuu ykn manallee cufatanii taa’uu ni qabu; gareen namticha isa du’ee haaloo bahuuf jecha aariidhaan akka isa hin ajjeefneef. Hanga aariin jaraa qabbanaa’u fi sirni gumaa raawwatamutti fuullee ba’ee mul’annaan ykn jireenya isaa akka duraanii tasgabbaa’ee jiraachuu jalqabnaan garuu rakkoo isarra ga’uuf ittt-gaafatamummaa fudhata.

Sirna Gumaa raawwachuuf ykn Gumaa kaffaluuf maanguddoonni seera gumaa beekanii fi Abbootiin Gadaa ni filatamu. Jaarsoliin gama qaama lamaaniin filataman kunis dafanii araaraaf jidduu seenu. Isaanis odeeffannoo qulqulleeffatanii (akka tasaa ajjeesuu isaa fi itti yaadee/ karoorfatee miidhaa gessisuu isaa adda baafatanii) ulaagaa qabatamaadhaan sadarkaa gumaa kanaa ni murteessu: olaanaa, giddu galeessaa fi gadi aanaa jechuun. Haala kanaan namichi lubbuu namaa balleesse ykn miidhaa qaamaa qaqqabsiise suni gareewwan ykn maatii warra isa miidhameef/du’eef beenyaa akka kaffalu itti murama.

Bakkeen tokko tokkotti guyyaa lubbuun namaa badee guyyaa sagaliin booda warri lubbuun namaa harkatti bade lammii fi maanguddoota naannoo waammatanii halkan sagaliif warra du’eef sagadu ykn kadhatu (Waajjira Koomunikeeshinii aanaa Ilfataa). Guyyoota sagadaa kunneen yoggu xumuran meeshaalee araaraa (kallacha, bokkuu, caaccuu, siinqee, kkf.) fi farda luugamame qabachuun mana warra isa du’ee fuula dura hanga gaafa warri du’e hoodni keessan haadahu jedhaniitti bahanii ni dhaabbatu. Isaan “hoodni keessan haadahu” jennaan “sirna gumaaf eeyyamaniiru” jechuu dha; kennaan jalqabaas (Aanaa Ilfataatti, fakkeenyaaf, raada arrab-saaqii jedhamtu kan ilkaan cabsite) warra du’eef kennanii gara gumaa dubbachuutti seenama.

Sirna Gadaa fi duudhaa Oromoo keessattiu hooda namatti bahe diduun hin danda’amu. Yeroo tokko tokko warri du’e aariirraa kan ka’e diduu malanillee akka aadaa ummata Oromootti hooda bahe diduun safuudha; abaarsa cimaafis nama saaxila. Oromoon “Namni hooda isatti bahe dide karri fi namnisaa nagaa hin argatu; qotee callaa hin argatu; sanyiinis hin marguuf!” jedheetu ni amana. Kanaafuu, safuu kana eenyuyyuu hin cabsu; sirna “anxaxii cabsaa” raawwachuuf (araaramuuf) waliigaluu.

Akkaataa Waajjira Koomunikeeshinii aanaa Ilfataa ti guyyaa “Hanxaxii Cabsaa”  kana lukaa fi lukeen gosa lachanuu hanxaxii gogaa 16 harkatti qabatanii kakuu akka armaan gadiitti raawwatu:

Kun gumaadha, yoon gumaakee balleesse, gumaanii fi balaan (hamaan) natti haa galu; kuni ija, ijaan gumaan natti haa galu; inni kuni harkaa, harkaan gumaan natti haa galu.

Kuni gurraa, gurraan natti haa galu; kuni arraba,  arrabaan natti haagalu; hiddii qooqxe, odaa tortorte naa haa godhu; dhama’een, calcalliin, sochootuun, abba torbii daaraa midirii naa haa balleessu.”

“Afuurri waaq Arfaasaa fi Birraan gufuun sagal, abarreen 44 dachaadhaan na haadhahu. Saree gurraattii, afuura arfaasaa,saree kottollaa naa haa godhu; ani gumaa kee nan baasa. Anis gumaa koo nan fudhadhaa” jedhu.

Keessumaayyuu warri ajjeese: “gumaa isaanii nan baasa, hin hanbisu; bakka isaan hin gahiin jedhan hin gahu” jedhanii waadaa galu. Warri du’an ammoo: “har’aa kaafnee gumaa keenya fudhanna malee haaloon hin eeggannu; bakka nuti si dhoowwine hin gahiin malee haaloon si hin eeggannu” jechuun kakatu. Guyyaa hanxaxii cabsaa kana haala kanaan gosti namaan (isa lubbuun darbee fi warra ajjeesee) lukaa fi lukee isaanii qabatanii waadaa erga waliif galaniin booda gara sirna gumaa baasuutti seenama; nageenyii fi tasgabbiinis akka bu’u eegama.  

Namtichi nama ajjeese gumaa baasuuf (beenyaa kaffaluuf) dirqama gosa (lammii) isaa keessa deemee kadhachuu (hirphachuu) qaba. Yoggu kadhatus “harkatu na xuraa’e; badiin hojjadhe, na garagaara!” jedheetu kadhata. Namni kun hanga fedhe sooressa ta’ullee biyya irra deemee lubuun namaa harkati baduu isaa himatee, horii gumaa kadhachuun dirqama (qarshicha caalaa badii cimaa hojjechuu isaa amanee, ulfina isaarraa gadi cabee nama fuula dura dhaabbachuun yoggu kadhatu Waaqa irraa dhiifama argata jedhamee waan amanamuuf).

Qarshiin gumaaf kaffalamu, keessumaayyuu inni gosoota warra du’ee hundaaf qoodamu, bakkeen tokko tokkotti “Qacamaa” jedhama. Qacamaa kana keessaa firootni nama isa du’ee suni hundi (yaa xiqqatullee malee) fudhachuu qabu; kana ta’uu baatu garuu “ani gumaa hin nyaanne” jedhanii haaloo bahuuf /isaanis eeggatanii lubbuu biraa dabarsuuf/ yaaduu ni malu.

Haala gumaa maanguddoonni murteessaniin baasii, qacamaa fi dabdee warra du’ee sana erga kaffaleen booda tu itti fufa.

Akka aadaa Oromootti dhiigni dhangala’e dhiigaan malee dhiqamuu hin danda’u; kanaafuu, araarri sirna anxaxii gaggeessuun fi gumaa beenyaa hunda kaffaluun booda horii qaluudhaan (dhiiga lolaasuudhaan) ni xumurama. Kunis “sirna harka dhiqaa” jedhama. Foon horii qalamee sana irraas foon xixiqqoo muranii garee lamaaniif kennu; muraa foonii xiqqoo sana ciniinanii “gumaa nyaanne” jedhu (= jechi “gumaa” jedhamu hiika “muraa foonii xiqqoo” jedhu waliin tokko ta’uu asiratti hubachuun ni barbaachisa). Kana booda warri diina ta’ee ture deebi’anii walitti firoomu jechaa dha; “waliin nyaatanii wal-hin nyaatani!” jedhama mitiiree?!

Nu Ofkalchaa!