Waa’ee Eebba Oromoo

Nuti Jenne Waaqni haa jedhu; isinis “nu ofkalchaa” jenna!

Oromoon waan hundaa eebbaan jalqaba; eebbaanis ni xumura. Oromoon eebba isaa keessatti Waaqayyoof galata galcha; kan Waaqa irraa argachuuf fedhus haala kadhannaatiin itti gaafata. Eebba kanas kan eebbisuu danda’u manguddoota gumii keessaa filatamaniin qofa akka ta’e dagatamuu hin qabu. Filatamuun (manguddummaan) kuni garuu dirqama umuriidhaan qofa ta’uu dhiisuu mala; akka dhaloota hidden Oromootti wal-duraa fi duuba (tartiiba) hangafummaatu  tumamee jiraati sana eeguun dirqama ta’a.

Lattuuleen Oromoo hundinuu qabiyyee fi haala eebba addaddaa ni qabu; kanaafuu, “eebba Oromoo” yoggu jennu bakkeen addaddaatti haala aadaan akka dhiyaatus dagachuu hinqabnu. Fakkeenyaaf yoo ilaalle:

  • Eebba Booranaa;
  • Eebba Maccaa;
  • Eebba Tuulamaa;
  • Eebba Gujii;
  • Eebba Karrayyuu;
  • Eebba Arsii, kkf. jechuun qooduun ni danda’ama.

Dhimmoota xiyyeeffannoo eebba keessatti ka’an yoggu xiinxallu ammoo:

  • Eebbi Booranaa Nagaaf xiyyeeffannoo addaa kenna: qaamolee hawwaasaa hundaa (daa’imman hanga manguddootti), mukeen fi loon akkasumas dirreen (lafti) otuu hin dagatamniin  hundayyuu dabareedhaan caqasuunn “nagaa” kadhataaf.
  • Eebbi Macccaa keessumattuu balaawwan dhufuuf malan yaadachiisuun Waaqni akka nu oolchu kadhata; hundaafis milkaa’ina kadhata.
  • Eebba Tuulamaa keessatti Waaqni bakka gudaa qaba.
  • Eebbi Gujii ammoo kan Tuulamaa fi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqa fi Nagaa walitti qabee waammata.

Gama biraan ammoo dhimmoota ykn ayyaanota eebbichaaf xiyyeefataman irratti hundaa’uunis qooqqoodanii ilaaluun ni danda’ama:

  • Eebba aarsa Waaqayyoof dhiyaatu (muudaa, qalma fi irreeffachuuf);
  • Eebba bara haaraa (barri kun kan quufa fi gabbina, kan gammachuu fi badhadhina nuuf haa ta’u jechuun kan eebbifamu);
  • Eebba Cidhaa (Gaa’elaa);
  • Eebba Murtii fi Araaraa (Waaqni akka dhugaa nutti agarsiisuuf, dhugaas akka nu dubbisuuf eebba/kadhaa godhamu);
  • Eebba Daa’immanii fi Ijoolleef taasifamu (keessumatuu maatii isaanii haala gaariin tajaajilanii yoggu of-danda’anii jiraachuuf eeyyama argatan);
  • Roobni (bokkaan) nagaa akka roobu eebba (kadhannaa) gaggeeffamu;
  • Warreen karaa deeman (imalan) akka nagaan galan kan kadhatamu;
  • Kanneen dirree waraanaa deeman ykn bineensa adamsaniifis akka fardi colloomu, eeboon darbatame akka qajeelu, mirgis akka isaaniif ta’u eebbaa fi kadhannaa taasifamu; 
  • Eebba Looniif (bobbaasuuf) taasifamu, kkf. jechuunis hubachuu ni dandeenya.

Nuyis barreeffamoota fi sagantaalee keenya kana booda bal’inaan isiniif dhiyeessuuf feenu itti seenuuf jecha duudhaalee Oromoo keessaa isa adda-duree ta’e kanaan (Eebbaan) jalqabuu filanneerra. Akkuma Oromoon amanutti kan Waaqa waammatanii/Eebbaan jalqaban tokko carraan milkaa’uu isaa guddaa waan ta’eef.

Itti aansuudhaan Eebbawwan kanneen madda addaddaa irraa guurranne irratti hundaa’uun isiniif dhiyeessuu ni yaalla.

Nuti Jenne Waaqni haa jedhu; isinis “nu ofkalchaa” jenna!